Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 29 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 29 balallii marsaa sadiin Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an.

Lammiilee gara biyyaa deebi’an kanneen keessaa 307 dubartoota, 11 daa’imman, 711 ammoo  dhiirota ta’uu ibsameera.

Lammiilee kanneeniif kunuunsii fi deeggarsi barbaachisaan erga godhameefii booda gara giddugala tursiisaa qophaa’eef akka deeman taasifamuu himameera.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 11 fi 700 ol deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment