Leenjisaa Fireew Hayilagabre’eel Garee Biyyaalessaan adda bahan

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Dubaartootaa Itiyoophiyaa Fireew Hayilagabre’eel ifatti hojii leenjisummaa gadi dhiisaniiru.

Leenjisaa Fireew Hayilagabre’eel Garee Kubbaa Miilaa Dubaartootaa Itiyoophiyaa fi dubartootaa umrii waggaa 20 gadii leenjisaa turan.

Bara 2013 leenjisaa garichaa ta’uun kan muudaman leenjisaan kun garichi bara Faranjootaa 2022 fi 2024 gulaallii waancaa addunyaan marsaa xumuraaf akka qaqqabu taasiisaniiru.

Akkasumas Waancaa biyyoota bahaa fi giddugaleessa Afrikaa Umrii waggaa 20 gadii Yugaandatti bara 2022 gaggeeffameen shaampiyoonaa ta’aniiru.

Gumaacha leenjisaa Fireew garee biyyaalessa Itiyoophiyaaf taasiisaniif Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa galateeffateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment