Leenjistoonni garee biyyoolessaa dubartoota Ityoophiyaa umrii waggaa 20 fi 17 gadii ifoome

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Leenjistoonni garee biyyoolessaa dubartoota Ityoophiyaa umrii waggaa 20 fi 17 gadii ifoome

Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa leenjistoota garee biyyoolessaa dubartoota Ityoophiyaa umrii waggaa 20 fi 17 gadii ifoomsera.

Filannoo fi ramaddiin leenjistootaa kun waajjira itti aanaa itti gaafatamaa misooma kubbaa miillaa, misooma kubbaa miillaa dubartootaa, koree dhaabbii dorgommii fi teekniikaal daayreektoreetiin gaggeeffame.

Haaluma kanaan garee biyyoolessaa dubartoota Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadiitif leenjisaa Fireew Haaylagabreel leenjisaa olaanaa, itti aantummaan ammoo Hiywat Arafaayneen filatamaniiru.

Garee biyyoolessaa dubartoota Ityoophiyaa umrii waggaa 17 gadiitif ammoo Saamu’eel Abarraa leenjisaa olaanaa, Sarkaaddiis Iwnatuun ammoo itti aantummaan filatamaniiru.

Comments (0)
Add Comment