Liyooneel Meesiin Badhaasa taphataa cimaa FIFA injifate

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Taphataan garee biyyaalessaa Arjentiinaa fi PSG yeroo ammaa Liyooneel Meesiin Badhaasa taphataa cimaa Waldaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Idil Addunyaa injifateera.

Meesiin morkattoota isaa Kiliiyaam Mibaappee fi Kaariim Beenzeemaa caaluun taphata cimaa bara kanaa jedhamuun badhaafameera.

Dubartootaan ammoo taphattuun Kilaba Baarseloonaa Aleeksii Puuteelaas taphattuu cimtuu bara kanaa jedhamuun Waldaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Idil Addunyaan badhaafamteerti.

Leenjisaan garee Biyyaalessaa Arjentiinaa Liiyooneel Iskaalooniin leenjisaa cimaa bara kanaa ta’uun badhaafameera.

Goolii eegaan garee Biyyaalessaa Arjentiinaa fi Astoon Viillaa Imliiyaanoo Maartiineez goolii eegaa cimaa bara kanaa ta’uun badhaafamuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa FIFA irraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment