Lubbuu nama balleessuu fi lammiilee buqqisuun kaayyoo siyaasaa galmaan ga’achuun hin danda’amu – obbo Roobaa Pheexiroos

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Lubbuu nama balleessuu fi lammiilee buqqisuun kaayyoo siyaasaa galmaan ga’achuun hin danda’amu jedhan Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti Barsiisaan Seeraa fi Misooma Nageenyaa, obbo Roobaa Pheexiroos.
Nageenya naannawaa mirkaneessuuf ga’een Mootummaa olaanaa ta’us, hawaasnis finxaaleyyii fi shororkeessitoota saaxiluu fi irratti qabsaa’uun ga’eesaa ba’uu akka qabu ibsaniiru.
Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti Barsiisaan Seeraa fi Misooma Nageenyaa, obbo Roobaa Pheexiroos, walitti bu’iinsi addaddummaa siyaasaan, qomoon, amantii fi kanneen biroo sababeeffachuun umamuu danda’anis biyyi nageenya malee, nageenyimmoo marii malee dhufuu hin danda’u jedhan.
Yeroo ammaa kanas walitti bu’iinsii fi nageenyi boora’uu naannawaa adda addaatti mul’atan sababnisaanii hedduu ta’uu himaniiru.
Gareen shororkeessitootaa fi humnoonni finxaaleeyyii hawaasa balaa keessa buusuu fi qe’eesaanirraa buqqisuun nagaan bahanii akka hin galleef qormaata ta’uusaanii dubbataniiru.
Haala kanaan Lubbuu nama balleessuu fi lammiilee buqqisuun kaayyoo siyaasaa galmaan gahachuun hin danda’amu jechuun DhPI tti himaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment