Magaalaa Adaamaatti hojjettoota Ijaarsa Gamoof Boolla qotaa turanirratti biyyoon jiguun lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hojjettoota Ijaarsa Gamoof boolla qotaa turaniirratti biyyoon jiguun lubbuun namoota 2 darbuu Qajeelchi Poolisii magaalicha ibseera.
Qajeelcha Poolisii magaalaa Adaamaatti Itti Gaafatamtuun kominikeshinii fi hariiroo ummataa Insipeektar Warqinash Galmeechaan, Aanaa 4 bakka addaa “dagaagaa “jedhamutti balichi mudachuu eeraaniiru.
Balichaan lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 2 irraa miidhan salphaa fi cimaan qaqqabuun yaaliin taasifamaafi jiraachuu ibsaniiru.
Ermiyaas Boggaaletu gabaase.
Comments (0)
Add Comment