Magaalaa Ambootti Proojektoonni misoomaa 28 Birrii miiliyoona 121 oliin hojjetamaa jiru jedhame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Jilli Kantiibaa magaalaa Amboo obbo Hacaaluun durfamuu hojiiwwan misooma magaalaa Ambootti hojjetamaa jiran dawwateera.
Bulchinsa magaalaa Ambootti proojektoonni gosa garagaraa 28 Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 21 hojjetamaa jiraachuu kantiibaan magaalaa Amboo obbo Hacaaluun himaniiru.
Bara kana magaalichatti proojektoota 28 hojjetamaan jiran keessaa ijaarsi proojeektoota 16 xumuruun taajajila hawaasaaf banaa ta’uu eeraniiru.
Proojektoonni Giddu Gala Gabaa, daandii dhagaa koobilii, bakkaa kuusaa dhangala’aa manneen waliin jireenyaa magaalaa Amboo keessatti kan argamu jedhan.
Kaayyoon daawwannaa kanaa sadarkaa ijaarsa proojektota kunneen irratti argamanii fi sadarkaa qulqullinaa isaa ilaaluuf ta’uu himameera.
Proojektoota magaalaa Amboo keessatti hojjetamaa jiran irratti dargaggootaa hojii dhabeeyyii waldaan gurmeessuun, dargaggonni kumni 1 fi 500 ta’aniif carran hojii uumamuu hojii gaggeessaan bulchinsa magaalaa Amboo obbo Yeroo Araggaan ibsaniiru.
Hawaasni magaalaa Amboo daawwanicharratti argaman hojiin misoomaa magaalicha keessatti bulchinsa magaalaa Amboon hojjetamaa jiran gaarii ta’uus, proojektoonni dhaabbilee Federaalaa fi naannoo hojjetamaa jiran irratti harkifannaa guddaan jiraachuu eeraniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaasee.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment