Magaalaa Buraayyuutti Abbaan qabeenyaa “Shaaqaa Mool” ayyaana Hiikaa sababeeffachuun  harka qalleeyyii 500’f deeggarsa midhaan taasisan

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti Abbaan qabeenyaa “Shaaqaa Mool” Obbo Shaaqaa Gurmeessaa ayyaana Hiikaa/Faasikaa sababeeffachuun namoota  harka qalleeyyii 500’f deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miliyoona 1 olitti tilmaamamu taasisan.

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti dhaabbilee fi qaamoleen hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun deeggarsi lammilee harka qalleeyyiif godhamaa jiru cimee itti fufeera.

Guyyaa har’aas Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Abbaan qabeenyaa ‘’Shaaqaa Mool’’ obbo Shaaqaa Gurmeessaa lammilee 500’f daakuu fi zayita Birrii miliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti shallagamu deeggarsa taasisaniiru.

Walgargaaruun aadaa Uummata Ityoophiyaa ta’uu ibsuun, iddoo hongeen mudateettis deeggarsa gochaa akka jiran himaniiru.

Gara fuulduraattis deeggarsa taasisan kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Lammiileen deeggarsi taasifameefis deeggarsichatti gammaduu ibsuun, Obbo Shaaqaa galateeffataniiru.

Saganticharratti kantiibaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu obbo Jagnaaw Gizaaw dabalatee, qaamoleen hawaasaa garagaraa hirmaachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment