Magaalaa Finfinneetti konkolaachistoonni doqdoqqee namoota biroo akka hin feene dhorkame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti konkolaachistoonni doqdoqqee/ Motarsaayikilii namoota biroo akka hin feene dhorkamuu Biiroon Geejjibaa Magaalichaa beeksise.

Ayyaana hiikaa/faasikaan walqabatee sochiin namootaa olaanaan jiraachuu waan maluuf hanni akka hin babal’anneef jecha yeroo hin murtoofneef magaalichatti konkolaachistoonni doqdoqqee namoota biroo fe’uu akka hin dandeenyeef dhorkiin kaa’amuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Warreen dhorkicharra darbanii argamanirratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf qaama ilaallatuuf ajajni hojii kennamuu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment