Magaalaa Hoosaa’iinaatti balaa Ibiddaa muudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 10 tilmaamamu barbadaa’e

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Magaalaa Hoosaa’iinaatti balaa Ibiddaa halkan kaleessaa muudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 10 tilmaamamu barbadaa’uu Poolisiin beeksiise.
Magaalaa Hoosaa’iinaa naannawaa Liichi Ambaa iddoo addaa Taayiwaan jedhamutti halkan edaa naannoo sa’aatii 5:00 balaa Ibiddaa muudateen miidhaa olaanaan qaqqabuu Qajeelchaa Poolisii Bulchiinsa magaalichaatti itti gaafatamaan hariiroo ummataa Inispeekar Lii’iiliisoon ibsaniiru.
Balaa kanaan kutaaleen tajaajila Huccuu hodhaan 10, Maashinoonni Huccuu hodhanii fi uffataaleen guutumaa guutuutti barbadaa’uu eeraniiru.
Balaa muudateen lubbuu namaarra miidhaan qaqqabe kan hin jirree fi qabeebyi Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu barbadaa’uu kaasaniiru.
Ka’umsa balichaa poolisiin qorachaa jiraachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment