Magaalaa Naqamteetti ayyaana Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qaleeyyii kuma 1 fi dhibba 4 oliif  deeggarsi taasifame

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Magaalaa Naqamteetti Ayyaana Hiikaa/Faasikaa sababeeffachuun  Dhabbileen Mootummaa fi  Miti Motummaa namoota harka qalleeyyii kuma 1 fi dhibba 4 fi 72’f deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu taasisaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee namoota sababa rakkoo nageenyaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii aanaa Wayyuu Tuqaa keessa jiraniif  deeggarsa boqolloo Birrii kuma dhibba 3 fi kuma  70tti Tilmaamamu taasiseera.

Waldaan Araaraa  Waqayyoo Addunyaa namoota harka qalleeyyii 800’f deeggarsa midhaan nyaataa taasiseera.

Bifuma walfakkaatuun warshaan Daakuu Jijjii namoota harka qalleeyyii 530’f  deeggarsa daakuu fi zayita nyaataa Birrii Kuma dhibba 5 fi kuma 24tti shallagamu taasiseera.

Hojjetoonni Fana Broodkaastiing Korporeet Fm Fana Naqamtee 96.1, Dhaabbanni Sos, Wajjirri Hojjetaa fi Hawasummaa fi Wajjirri Daldalaa Magalaa Naqamtee deeggarsa midhaan nyaataa fi Zayitaa Birrii  Birii kuma dhibba 1 olitti tilmaamamu akkasumas Lukkuu taasisaniiru.

Galaana Tasfaatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment