Magaalichatti ayyaana waliin walqabatee yakkoonni akka hin raawwatamneef qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ayyaana Hiikaan walii walqabatee gabaa fi bakkeewwan birootti yakkoonni akka hin raawwatamneef qophii barbaachisaan xumuramee gara hojiitti galamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Giddugaloota gabaa dabalatee bakkeewwan bashannanaatti yakkoonni akka hin raawwatamneef hojiin eegumsaa fi hordoffii kan hojjetamu ta’uu Daayrektarri Sab-quunnamtii Komishinichaa Koomaandar Faasikaa Faantaa ibsaniiru.

Tibba  ayyaanaa bittaa fi gurgurtaan heddummachuun walqabatee maallaqni sobaa gabaarra tamsa’uu waan maluuf hawaasni akka hin dogoggorre of eeggannoo taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Nageenyi magaalichaa akka mirkanaa’uuf ga’een hawaasa magaalichaa olaanaa ta’uu ibsuun deeggarsichi cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Hawaasni gochoota yakkaa kamiyyuu wayita argu qaamaan yookaan ammoo gama toora bilbilaa 011-1- 11-01-11 akkasumas toora bilbila bilisaa 991 fayyadamuun eeruu akka laatu yaadachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment