Magaalichatti balaa lolaa mudachuu danda’u hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti balaa lolaa mudachuu danda’u hir’isuuf iddoolee lolaaf saaxilamoo ta’anitti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii magaalichaa ibseera.
Haaluma kanaan baatiwwna saglan darban keessaa boo’iin lolaa Kiiloo Meetirri 355 hojjetamuu ibseera.
Eeruu Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinneerraa dhufu bu’ura taasiisuun iddoolee lolaaf saaxilamoo ta’anitti hojiin Ittisaa hojjetamuu ragaan Abbaa taayiticharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment