Magaalichatti waltajjiin qophii karoora Tiraanisfoormeeshinii gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti waltajjiin qophii karoora Tiraanisfoormeeshinii gaggeeffamaa ture xumurameera.
Qophii Karooraa fi Tiraanisfoormeeshinii hooggantoonni olaanoon magaalaa Finfinnee itti hirmaatan gaggeeffamaa tureera.
Magaalichatti jijjiirama bu’uuraa fiduuf akka dandeessisu tajaajila kenniinsa mootummaa fooyyesuu, carraa hojii uumuu, dhiyeessa manneenii, bulchiinsa misooma lafaa, galii walitti qabuu fi kenniinsa tajaajila geejjibarratti yeroo itti aanu xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadda Adaanach Abeebeen sagantaa cufiinsa waltajjichaarratti ibsaniiru.
Finfinnee magaalaa filatamtuu idil addunyaa taasisuu fi waadaa ummataaf galle raawwachuuf damee hundaan boqonnaa malee hojjachuu cimsinee itti fufna jedhan.
Comments (0)
Add Comment