Mana Amantichaatti sagantaan Kadhannaa Kamisaafi Miila dhiquu gaggeefame

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaatti sagantaan Kadhaannaa Kamisaa fi Miila dhiquu gaggeefameera.
Phaaphasiin Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Kaardinaal Birhaaneyesus Suraafeel hordoftoota amantichaa sagantaa Kadhannaa Kamisaarratti argaman miila dhiqaniiru.
Guyyaan Iyyasuus Kiristoota dhala namaa kabajaa fi waliif yaaduu barsiisu jecha miila duuka buutootaa dhiqe, guyyaan Kadhannaa Kamisaa har’a yaadatamaa jira.
Sirni Kadhannaa Kamisaa fi Miila dhiquu kun Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Kaatediraalii Maariyaamii Lidataa Piyyaasatti gaggeeffameera.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment