Manni Maree Ameerikaa Traamp akka himataman sagalee laate

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp akka himataman sagalee laate.

Preezdaantichi Koongirasii Ameerikaatin akka imatan sagaleen itti laatameera.

Carraan akkanaa preezdaantota biyyattii isaan mudate keessaa 3ffaa isaan taasisa.

Mormii dheeraa kaleessa galgala taasifameen booda, preezdaantichi taayitaarraa akka kaafamaniif sagaleen itti laatameera.

Taayitaa isaanii karaa hin malleen fayyadamuun hojii koongirasichaa gufachiisaniirus jedhameera.

Preezdaant Andiriiw Joonsanii fi Biil Kiliintanitti aananii sagaleen taayitaarraa kaafamuu irratti laatamuun Traamp, preezdaantii sadaffaa ta’aniiru.

Koongirasichaan miseensonni Riippablikaanaa fi Demokraatotaa mormii yeroo dheeraa fudhate irratti taasisaniiru.

Traampirratti sagaleen himannaa banuu akka laatamu kan taasise, filannoo preezdaantummaa itti aanuf qophaa’aa kan jiran Joo Baaydan irratti qorannaan akka taasifamu dhiibbaa taasisuu, dhimma Yuukreenii fi Raashiyaati.

Miseensota Koongirasii keessaa 230 deeggaranii, 197 ammoo mormaniiru.

Himannaa lammaffaan ammoo sagalee deeggarsaa 229 fi 198 mormiidhan darbeera.

Koongirasichi dhimmicharratti sagalee yoo laatu, Traamp Miichigaanitti duula kakaasii filannoorra oolaniiru.

Maddi; BBC

Comments (0)
Add Comment