Manni Maree Nageenyaa Naannoo Somaalee yaa’ii idilee gaggeesse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Manni Maree Nageenyaa Naannoo Somaalee bakka Pireezidantiin Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad argamanitti yaa’ii idilee gaggeesseera.

Waltajjicharratti, gabaasni waliigalaa haala nageenyaa fi tasgabbii ummataa dhiyaatee gamaaggamameera.

Dabalataan, nageenyaa fi tasgabbii hawaasaa gama maraan jiru ariitiin haala mirkaneessuun danda’amurratti kallattii fi qajeelfamni kennamuu ragaan kominikehinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Waltajjicharratti Hogganaan Biiroo Nageenyaa Xayyib Ahimad Nuur, Komishinara Jeneraalaa Komishinii Poolisii Naannichaa Abdii Alii Ziyaadii fi hoggantoonni qaamolee nageenyaa naannichaa argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment