Manni Marichaa TPLF fi Shanee shororkeessummaan akka moggaafamaniif yaada murtoo dabarse

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC)-Manni Maree Ministeerota Dhaabbilee Adda bilisa baasaa Ummata Tigraay TPLF fi Shanee shororkeessummaan akka moggaafamaniif yaada murtoo dabarseera.

Manni Maree minsteeroota ibsa baaseen waggoottaan sadan darban keessaa qabsoo fi  gaaffi uummanni Ityoophiyaa dimookiraasii fi mirgaa gaafataa tureen  jiijjiirama dhufee fudhachuu diduun guutuu biyyatti irratti  uummata nagaarratti  badii geessissaa turuun isaani ni yaadatama.

Sababa kanaanis namoonni hedduun lubbuu dhabaniiru, miidhama qaamaafis saaxilamaniiru, qabeenyi  isaaniis barbada’eera, buqqaatiifis saaxilamaniiru.

Gochoonni kunneen uummatni tasgabbaa’ee akka hin jiraanneefi mootummaarraa amantaa akka hin qabannee, hawaasni walii walii isaa akka shakkuu godheera.

Gochawwan kunneen hundi itti yaadamee kufaatti biyyatiifi mootumma laafisuuf yaadamee hoji hojjetamaa ture akka tahe ragaaleen ni mul’isuu jedha ibsi mana maree ministeerootaa.

Haleellaawwan kanneen duuba ilaalcha siyaasaa akka ka’uumsatti qabachuun uummata nagaa ajjeessa, qabeenya ummataafi bu’uuralee misoomaarratti miidhaan raawwatamaa tureera.

Miidhaawwan bakkeewwan garagaraatti gahaa tures, qaama gochicha raawwatuu fi rawwachiisuus kan qabu ture.

Badiiwwan gahaa turan duuba tumsi maallaqqaa, karooraa,yaadaafi humna namaa leenji’eefi karaa midiyaan deeggaramuun gareen dursaafi qajeelcha turan jiru.

Gareewwaan gocha kana raawwataa turan gocha shoroorkeesumaati. Bu’uuruma kanaan labsii yakka shoroorkaa too’achuufi ittisuuf bahee labsii 1176//2012 keeyyata 3 jalatti hiikaa yakka shoroorkaaf kaa’ameen, gochoonni raawwatamaa jiran kana kan guutaniidha.

Gocha shoroorkaa kana kan raawwatan gareewwanii fi deeggartoonni isaanii akkasumas akka nama dhuunfaatti namoota gochicha raawwatan adda baasanii shoroorkaan gaafachiisuuf kan dandeesisuudha.

Labsii gocha shoroorkaa too’achuufi ittisuuf bahee labsii lakk.1176/2012 bu’uura keeyyata 18 fi 19 ‘’Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay/TPLF fi Shaneen gocha shoroorkaa raawwachuuf karoorafatan waan socho’aa jiraniif  manni mare ministeeroota gareewwan kanneen shoroorkeesitoota jechuun yaada murtee dhiheeseera.

Akkasumas labsii yakka shoroorkaa ittisuufi to’achuuf bahe labsii lakk.1176/2012  bu’uura keeyyaata 23’tiin  kanneen gocha walfakkatarratti hirmaatan bu’uura yaada murtee kanaatiin dhaabbileefi namoonni dhuunfaa gareewwan gocha shoroorka raawwatan kanneen waliin kanneen hidhata qaban yaadni murteecha kan hojirra ooluu ta’a.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment