Mareen biyyaalessaa rakkoolee Itiyoophiyaa waaraan waan furuuf tumsuun barbaachisaadha- Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaa

Finfinnee, Caamsaa 18, 2016 (FBC) – Mareen biyyaalessaa rakkoolee Itiyoophiyaa waaraan waan furuuf tumsuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan ibsan.

Konfiraansiin nageenya, Walummaa fi obbolummaa biyyaalessaa mata duree ‘Tokkummaa keenya nageenya keenyaaf’ jedhuun magaalaa Kombolchaatti gaggeeffaneera.

Guddinni hundagaleessi akka mirkanaa’u hojii mootummaan jijjiiramaa eegale cinaa dhaabbachuun nageenya waaressuun qooda nama hundaa ta’uu Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan himaniiru.

Dhaabbileen amantaa wal qooduu, walitti bu’iinsa fi jibbiinsa balaaleffachuun nageenya, tokkummaa fi misooma barsiisuu akka qaban yaadachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment