Mariin mata duree “COVID-19 filannoo dheeressuu fi filannoowwan seeraa” jedhuun gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Mariin mata duree “COVID-19 filannoo dheeressuu fi filannoowwan seeraa” jedhuun gaggeeffame.
 
Sababa COVID-19n filannoo fulduraa gaggeessun rakkisaa ta’uun mootummaan filannoowwan furmaata 4 dhiyeessera.
 
Mariin mata duree “COVID-19 filannoo dheeressuu fi filannoowwan seeraa” jedhuun bakka Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti paarilee morkattoota waliin gaggeeffameera.
 
Ityoophiyaan bu’uura seera mootummaan hanga xumura Adoolessaa, 2012tti filannoo gaggeessuuf dirqama kan qabdu yoo ta’ellee, weerarri COVID-19 sadarkaa filannoo adeemsiisu hin dandeenyerra ga’uun seeraa fi dhugaa wal simsiisuun adeemuun barbaachisaa ta’uun eerameera.
 
Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos rakkinichi bifa sirna seera mootummaa otuu hin faalleessiin furuuf filannoowwan furmaata 4 lafa taa’aniiru jedhan.
 
1.Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa bittinsuu
 
2.Labsii yeroo muddamaa labsuu
 
3.Seera mootummaa fooyyessuu
 
4. Turjumaana seera mootummaa gaafachuu fa’i
 
Alaazar Taaddaleetu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment