Masjiida seena qabeessa Al Najjaashiif suphaa sadarkaa isaa eeggate taasiisuuf qophiin xumurame – Ministeericha

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Masjiida seena qabeessa Al Najjaashiif suphaa sadarkaa isaa eeggate taasiisuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Turizimii beeksiseera.
Hojiin Qorannoo guyyoota booda kan eegalu ta’uu ibseera.
Ministeerichi hojii suphaa Masjiidichaa gaggeessuuf Mootummaa Turki waliin waliigaltee deeggarsa maallaqaa fi Teeknikaa taasiseera.
Masjiida seena qabeessa Al Najjaashiif suphaa sadarkaa isaa eeggate taasiisuuf qophiin xumuramuu himeera.
Hojiin suphaa torbee itti aanu ifatti kan eegalamu ta’uu ibseera.
Akka Afrikaatti Masjiida jalqabaa kan jedhame Masjiida Al Najjaashiif qabiyyeen seenaa isaa osoo hin jijjiiramin suphaa taasiisuun hojiin dhalootaaf dabarsuu kan hojjetamu ta’uu himaneera.
Comments (0)
Add Comment