Miidiyaaleen calaqqeewwan waloo beeksiisuun seenessa waloo uumuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Miidiyaaleen calaqqeewwan waloo beeksiisuun seenessa waloo uumuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Ministirri Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibrat ibsaniiru.
Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibrat waltajjii Faanaa Biroodkaastiin Korporeet ‘Ga’ee miidiyaaleen ijaarsa seenessa waloof qaban’ jedhuun qopheesserratti argamuun yaada isaanii qoodaniiru.
Ummanni Itiyoophiyaa barootaaf waliin jiraachaa turuu fi aadaa fi duudhaa waloo qabaachuu kaasaniiru.
Yaa ta’uutii duudhaa fi aadaa waloo kana beeksiisuun seenessa waloo uumurratti hanqinni jiraachuu himaniiru.
Miidiyaaleen hawaasni walkabajee waliin akka jiraatu aadaa jireenya hawaasummaa fi dhimmoota biroo babal’isuurratti muxannoon qaban gadi aanaa ta’uu beeksisaniiru.
Miidiyaaleen aadaa fi duudhaa waliin jireenyaa fi tokkummaa ummattootaa beeksiisuun, seenessa waloo uumurratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Keessattuu calaqqeewwan waloo, jireenya hawaasummaa, gootummaa fi kanneen biroo ummanni waliin qabu haalaan beeksisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
.Malaakuu Gadifii fi Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Comments (0)
Add Comment