Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf Dhaabbileen Miidiyaa gahee isaani bahachuu qabu – Ambaasaaddar Mahammad Diriir

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Milkaa’ina Marii biyyaalessaaf dhabbiileen Miidiya qajeelummaa dhugaafi amanamummaan gahee isaanii bahachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii marii Biyyaalessaa komishinar Ambaasaaddar Mahaammad Diriir.
Komishiniin marii biyyaalessaa mata dure “milkaa’na Marii biyyaalessaaf gahee miidiyaalee” jedhuun ogeeyyii fi Hoggaansa Miidiyaalee waliin mari’ataa jira.
Mariicharratti Ambaasaaddar Mahaammad akka ibsanitti, milkaa’ina marii biyyaleessaaf haaldureewwan turan adeemsa gaariirraa jiraachuu ibsan.
Komishiniichi adeemsa haal- duree gaggeessaa tureenis, dameewwan komishinichaa 15 banuun, naannolee 10 fi bulchiinsota Magaalaa 2’tti qaamolee hawaasa garaagaraa waliin marii taasisaa turuu kaasan.
Bu’uuruma kanaan qaamolee hawaasaa garaagaraa waliin aanaalee 932 keessatti namoota kuma 105 fi 370 waliin marii gaggeessuun ibsameera.
Kanaanis qaamolee hawaasaa kan bakka bu’an namootni kumni 17 fi 210 filatamaniiru.
Komishiniin marii biyyaalessaa sababa waldhabdeefi garaagartee yaadaan rakkoolee biyyattii keessatti mudataa turaniif fala waaraa akeekuuf, dhiibbaa mootummaa fi siyaasa kamiiraayyurraa walaba tahee hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Mahaammad eeraniiru.
Kana milkeessuf ammoo miidiyaaleen qajeelummaa fi amanamummaan gahee isaanii bahachuu akka qaban Ambaasaaddarichi dhaamaniiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment