Ministeerichi waliigalteewwan 6 Birrii miiliyoona 213 ol ta’an  mallatteesse

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii waliigalteewwan 6 Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 13 ol ta’an  mallatteessuu ibsame.

Waliigalteewwan kanneen keessaa kan Birrii miiliyoona 41tti shallagamu magaalota  lammiilee sababa waraanaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an keessummeessa jiran 4’f, magaalota Goondar, Baahirdaar, Dabra Birhaanii fi Samaraa-Loogiyaaf kan oolu ta’uu ibsameera.

Waliigalteewwan jahan keessaa lama magaalota 4’f paampiiwwanii fi jenereetaroota bishaan boollaa harkisan 11 dhiyeessuuf mallatteeffamuu eerameera.

Waliigalteewwan hafan arfan keessaa 3 ammoo magaalota 22’f doqdoqqeewwan 44, paampiiwwan Sarferii 10 akkasumas magaalota 22’f bishaan ujummoo fi meeshaalee isaa dhiyeessuuf mallatteeffamuu ibsameera.

Waliigalteen tokko ammoo jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatee naannoo Uummattoota Kibbaatti barbaacha madda bishaanii taasifamuuf kan oolu ta’uu ibsamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment