Ministeerri Qonnaa Xaa’oo Uumamaa bal’iinaan fayyadamuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Naannolee Ityoophiyaa garaagaraatti hojiirra ooluu kan eegale Xaa’oo Uumamaatti bal’inaan fayyadamuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Xaa’oo uumamaa fi Kompoostii ‘Vermii’ jedhamutti bal’inaan fayyadamuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ibseera.
Ministeera Qonnaatti Daayrektarri Fooyya’iinsa misooma Biyyoo obbo Tafarraa Salamoon, xaa’oo namtochaa guutuumaan guutuutti xaa’oo uumamaan bakka buusuun ulfaataa ta’us gosoota lamaan walitti makuun hanqina xaa’oo biyyoo muudate furuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Xaa’oon uumamaa hanqina xaa’oo namtolchee yeroo ammaa muudate uwwisuun oomishtummaa dabaluu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Bara dhufu Xaa’oo Uumamaa bal’inaan oomishuuf Ministeerri Qonnaa xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu obbo Tafarraan dubbataniiru.
Xaa’oon Uumamaa filannoo gaarii ta’us bal’inaan kan hin argamne ta’uu qonnaan Bultoonni Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasiisan ibsaniiru.
Almaaz Makonniintu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment