MM Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Daamaraa jechuun ida’uu, ida’amuu fi kuusuu jechuudha.Daamaraan mallattoo jijjiiramaati.Gatii fi mallattoon fannoo yakkamtootaa fannisuuff oolaa ture kan itti jijiirameedha.

Daamaaraan namoota hedduu walitti qabuun waldaan kan tursiusudha. Daamaraan kan hir’aterratti dabaluu,kan faca’e walitti qabuu, wanta bittinnaa’e tokko ida’uu fi walitti fiduu ta’uu eergaa isaaniin kaasaniiru.

Ayyaanni Daamaraa jala bultii Ayyaanna Masqaalaan mukeen kan walitti ida’aman, mukti walitti qabamuun Daamotii/ Xomboraa, Daamootiin ida’amee Daamaraa kan itti ta’uudha.

Daamotiin kunneen walitti yoo hin hirkanne Daamaraa ta’uu hin danda’an. Daamotiiwwan kanneen tokko taasisee kan dhaabu gidduu mukti jira.

Utubaan kun muka jabaa fi daamotii naannawaa isaa jiru baachuu danda’uudhaa.
Utubaan kun Itiyoophiyaa bakka bu’a jedhan.
Daamotiin kun ciraaroowwan gosa tokkorraa hin tolfamne, bakka tokkooyiis hin dhufne, Xomboraan hundi tokkoo miti,mana tokkos hin dhufan.mukeen hundi qofaa isaanii hin dhaabbatan,jabina, humnaa fi dandeettii akka qabaatan Daamotii ta’uun ida’amu.

Akkamu mukeen Daamotii qunceen walitti hidhaman, Itiyoophiyaannis eenyummaa addaa walitti isaan hidha qabu.

Daamaraan walitti qabamuun olka’iinsa Itiyoophiyaa dhugoomduuf fakkeenya keenya jedhan.

Itiyoophiyaanis akkuma ciraaroo Daamotii aadaa, amantaa, qabeenya, duudhaa, ilaalcha fi seenaa hedduu qabdi.

Hundi keenya dirqama akka tokkootti yaaduun nurraa hin eegamu, aadaa tokko, afaan tokko, eenyummaa tokko taanee argamuun nurra hin jiraatu.

Kennaa kana hunda ida’uun akka Daamotii humna waliif taana.

Akka Daamaraa walitti ida’amuun biyya jabduu ni ijaarra jedhan.

Akka Utubaa Daamaraa gidduu keenya ta’uun hawaasa siyaasaa fi diinagdee tokkoo taasiisuun kan nu ijaaru sirna Federaalaati, Tokkummaa sabdaneessati, Itiyoophiyummaa keenya jedhan.

Itiyoophiyummaa fi tokkummaa sabadaneessummaa ida’uun biyya jabduu, guddoo fi cimtuu ijaaruu ni dandeenya jechuun ibsaniiru.
Herreegni kana hundaa akka Daamaraa Ida’amuudha.

Daamotiin dhuunfaa fi naannawaa keenyatti hojjechuu ni dandeenya.
Daamaraan garuu waloon malee hin ta’u.

Amantaan, filannoo fi fedhiin keenya qofaa isaatti Daamotii ta’uu danda’a. Biyya garuu ida’ama waloo keenyati jedhan ergaa isaaniin.

Daamaraan sirna hunda keenya qajeelchu daawwatii hunda keenyati.

Daamaraan eessaniyyuu yaa qabatu ifti fi ho’i isaa adeemsa keessa Daamotii hunda qaqqaba.

Guddinni Itiyoophiyaas eessayyuu haa eegalu adeemsa keessa hunda kenya qaqqaba jedhan
Xomboraa gurguruu fi Bituu dandeenya, Daamaraan garuu akka Itiyoophiyaati, hin gurgurrus hin jijjiirrus.

Hundi dhuunfaa koon fudheen deema hin jedhu.

Achumatti walitti ida’amuun onnee waloo keenyaan qabannee kan deemnu dhugaa hunda keenyati jechuun eeraniiru.

Daamaraan dhaabbata Fannoon dhugaa itti argameedha.guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf fakkeenya tokkummaan dhaabbachuuti.

Daamaraan kallattii Fannoon dhugaa itti argameedha.

Akkuma Fannoo dhugaa argachuuf yeroo ulfaataa ture, badhaadhina dhugoomsinis dadhabbii fi tattaaggii hedduu gaafata.

Fannoo bade argachuuf akkuma tumsaa fi gorsa hedduu gafate badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuufis tumsaa fi walummaa kan gaafatu ta’uu onnee keenya keessatti qabachuu qabna jedhan.

Wayita Daamaraa bara kanaa kabajnu yaadota kanneen qaaccessuun ta’uu akka qabu abdiin qaba jedhan.

Ayyaanni Daamaaraa Masqalaa ayyana gaarii akka ta’u hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment