MM Dr Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota addaddaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota addaddaa waliin mari’atan.
 
Dooktar Abiy, preezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir Maayardiit waliin nageenya waaraa biyyattiitti buusuurratti mari’ataniiru.
 
Waliigalteen mootummaa cee’umsaa hundeessuuf irra ga’ame hojiirra akka oolu tumsaan hojjechuurratti mari’ataniiru.
 
Baqattoonni Sudaan Kibbaa hedduun Ityoophiyaa qubatanii jiraachuu fi dhiibbaa isaarrattis mari’ataniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomar Giilleeh waliinis tajajaila buufataa, geejiba si’ataa dhiyeessuu fi fooyyessa bu’uuraalee misoomaarratti mari’ataniiru.
 
Dooktar Abiy preezdaantii Giinii Aalfaa Koondee waliinis dhimmoota aardii Afrikaa fi naannoorratti mari’ataniiru.
 
Silaabbaat Maannaayyeetu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment