Itoophiyaan Dhiiga ijoollee isheetiin Ijaaramte, gocha shororkeessummaan hin diigamtu – Mootummaan Naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.
Guyyaa Kaleessaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Boonee jedhamutti haleellaa shororkeessummaa raawwateen lubbuun namoota lakkoofsi isaanii ammaaf adda hin baanee wareegamuu ibseera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Naannoo fi biyyi keenya waggoottan sadan darban kanatti boqonnaa jijjiiramaa cehumsa waaraa milkeessu lafa qabsiisuuf hojjechaa jiru.
Haata’u malee, humnoonni faallaa jijjiiramaa dhaabbatan humna isaanii guutuu hojii badiifi diigumsaatiif oolchaa jiru.
Humnoota faallaa jijjiiramaa hojii badiirratti cichanii hojjechaa jiran keessaa ergamaa wayyaanee Kan tahe ABO Shaneen isa tokko.
Humni kun caasaa mootummaa humnaan diiguudhaan cancala diigumsaafi walfixiinsaa isaa Sadarkaa hundatti ijaarrachuuf ifaajaa ture.
Humni ergama Juntaa fudhatee hojjechaa jiru kun baadiyyaafi magaalaatti garee ajjeechaa hoggansaafi lammiileerratti raawwatu bobbaasuudhaan haleellaa shororkeessummaa hedduu geessiseera.
Lubbuu caasaa mootummaa gandaa hanga naannootti jiruu hedduu dhabamsiiseera.
Qabeenya mootummaafi lammiilee danuu barbadeesseera.
Tarkaanfii ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu mootummaan ummata waliin ta’uun fudhateen humni ABO Shanee kun dadhabaa kan deeme ta’us, abdii kutannaan haleellaa suukanneessaa lammiilee nagaarratti raawwachuu itti fufeera.
Gaaga’ama lubbuu lammiilee nagaarra gaheen gaddi akka mootummaa naannootti nutti dhagahame guddaa ta’uu ibsaa, maatiiwwaniifi ollaa sababa gocha hammeenyaafi gara-jabinaa kanaan gaddi itti seeneef jajjabina hawwina.
Akka mootummaa naannootti bakka taateen kun itti uumametti hordoffii hatattamaafi tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameen humna gocha shorokeessummaa raawwate haleeluun muraasa isaanii dhabamsiisuun danda’ameera.
Humni kun diigumsaafi walfixiinsa Kan hawwuufi faallaa ijaarsa Biyya keenyaa kan dhaabbattu waan ta’eef, hojiin badii karoorfatee socho’uu Irree ummata keenyaa gamtoomeen akka fashalaa’u shakkii hin qabnu.
Kanaafuu, ummanni keenya bakka hundatti gamtoomee karoora badii humnq maseenaa kanaa akka fashaleessu dhaamaa, tarkaanfii itti fufiinsaan fudhatamu ibsaa Kan deemnu ta’uu yaadachiifna.
Itoophiyaan Dhiiga ijoollee isheetiin Ijaaramte, gocha shororkeessummaa humna maseeneetiin hin diigamtu.
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment