Muway Kiibaakii Ityoophiyaaf michuu dhugaa turan-Preezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen sagantaa gaggeessaa reeffa Preezdaantii  Keeniyaa duraanii Muway Kiibaakiirratti argamaniiru.

Saganticharratti ergaa dabarsaniin, Muway Kiibaakii Ityoophiyaaf michuu dhugaa tu’uusaanii hogganaa hojiin mirkaneessan turan jedhaniiru.

Akka fakkeenyaattis Kiibaakiin bara hooggansa isaanii waliigalteen misooma naannawaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa akka raawwatuuf taasisuu isaanii kaasaniiru.

Kanarra darbees hammattoo IGAD keessaa ta’uun Somaaliyaa fi Sudaan tattaaffiiwwan nageenyaa taasifamaa turan ejjennoosaanii deeggara akka turan yaadachiisaniiru.

Preezdaanti Saahilawarq Zawdeen uummattoota Keeniyaa akkasumas maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwaniiru.

Preezdaantii Keeniyaa 3ffaa fi biyyattii bara Faranjootaa 2003 hanga 2013 kan bulchan Kiibaakiin umrii waggaa 90 isaaniitti boqotaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment