Naannichatti galiin Birriin biiliyoonni 8 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) –Naannoo Sidaamaatti baatiiwwan kurnan darban galiin Birriin biiliyoonni 8 ol walitti qabamuu Abbaan Taayitaa Galiiwwaan naannicha beeksiseera.
Naannichatti baatiiwwan 10’n darban galii Birrii biiliyoona 13 walitti qabuuf karoorfame Birriin biiliyoonni 8 ol walitti qabamuu Hogganaan Abbaa taayitichaa Obbo Hayiluu Guduura ibsaniiru.
Galiin walitti qabamee kan bara darbee yeroo walfakkatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 1.5 caalmaa qabaachuu eeruu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment