Naannoo Gambeellaatti qajeelfama qophii fi dhiyeessi karoora misooma yeroo giddugaleessaa fi dheeraa irratti mari’atame

Finfinnee,Waxabajjii 21, 2012 (FBC) –  Naannoo Gambeellaatti qajeelfama qophii fi dhiyeessi karoora misooma yeroo giddugaleessaa fi dheeraa irratti mari’atame.

 

Naannoo Gambeellaatti qajeelfama qophii fi dhiyeessi karoora misooma yeroo giddugaleessaa fi dheeraa irratti gaggeessitoota olaanoo naannoo fi aanaa waliin mariin gaggeeffameera.

 

Maricharratti Itti Aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Gambeellaa obbo Teekuweey Jook karoorri misoomaa guddina diinagdee fi hawaasummaa biyya tokkoo bifa si’ataa fi qindoomeen meeshaa bulchuu fi qajeelchuudha jedhan.

 

Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee naannichaatti Daayreektarri Odeeffannoo fi Hordoffii Karooraa obbo Abbabaa Xeenaw mootummaan naannichaa galteewwaan misooma karooraan gaggeeffamuun galteewwan milkeessuf ga’ee qaba jedhan.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment