Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 212 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 212 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3002 hojjetameen vaayrasichi namoota 212 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 6,005 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 42 darbeera.

Nammoonni haaraan 62 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1824 dandamataniiru.

Namoonni 8 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4,189 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 127,152 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment