Naannoo Oromiyaatti namootni 10 vayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, isaan kana keessaa namootni 3 dandamatanii jiru

Finfinnee, Eebila 20, 2012 (FBC) – Vaayrasiin Koroonaa biyya keenyatti erga mul’atee kaasee naannoo Oromiyaatti namootni 10 vayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, isaan kana keessaa namootni 3 dandamatanii jiru.

Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti hogganaan Kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa Namootni 6 yaala irra jiraachuu fuula feesbuukii isaanii irratti beeksisaniiru.

Namni 1 du’aan addunyaa kanarraa boqotanii jiru.

Naannoo Oromiyaatti hojiin tatamsa’ina vaayrasii Koroonaa to’achuu fi ittisuuf taasifamaa jiru cimee itti fufee jira.

Haaluma Kanaan:-

1.Hojiin hubannoo uumuu manaa manattii ogeeyyii fayyaatiin taasifamaa jiruun, namoota miiliyoona 30.4f hubannoon uumamee jira.

Kana malees karaa miidiyaa elektrooniksii fi maxxansaatiin hojiiwwan hubannoo uumuu cimee itti fufee jira. Karaa lakkoofsa biblia tolaa 6955tiinis namootni 17,794 hubannoo fi gorsa akka argatan ta’ee jira.

2.Sakatta’insa fi faana dha’iihnsa mallattoo vaayrasichaa ilaalchisee sochii manaa manatti taasifameen abbootii warraa miliyoona 2.7 fi namoota miliyiina 14 ol bira gahamee jira.

Adeemsa kanaanis shakkamtootni 105 addaan bahanii sakkata’iinsi laboraatorii taasifameefi jira.

3.Namoota karaa daangaatiin biyyoota ollaa irraa dhufan 376 giddu gala turiisaa (Quarantine centers) akka galan godhamee jira.

4.Wiirtuuwwan laboraatoorii Adaamaa, Asallaa, Jimma fi Haromayaa hojii eegalanii jiru. Wiirtuuleen Naqamtee, Shaashamannee, Amboo fi Bulee Horaa hojii eegaluuf qophii irra jiru. Laaboraatoriiwwan humna guutuun hojiitti galuun walqabatee hanqina “reagent” fi “test kit” hiikuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jira jedhan.

Comments (0)
Add Comment