Naannoon Oromiyaa Shaampiyoonaa Ispoortii aadaa biyyaalessaa ta’e

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) –Wal dorgommii Ispoortii aadaa biyyaalessaa 19ffaa fi Feestivaalli agarsiisaa aadaa 15ffaa torban tokkoof qopheessummaa naannoo Amaaraatiin magaalaa Dabra Birhaanitti gaggeeffamaa tureen naannoon Oromiyaa qabxii walii galatiin injifate.

Shaampiyoonaa ispoortii aadaa biyyaalessaa kanarratti naannoleen torbaa fi bulchiinsi magaalaa lama gosoota ispoortii aadaa 10 wal morkachaa turaniru.

Naannoo Oromiyaa shaampiyoonaa aadaa biyyaalessaa 19ffaa kana qabxii 58 waltti qabachuun 1ffaan yoo goolabu, Naannoon Amaaraa 2ffaa , Magaalaan Finfinnee sadarkaa 3ffaan goolabeera.

Feestivaala agarsiisaa aadaatiin ammoo naannoon Uummattoota Kibbaa shaampiyoonaa yoo ta’u, Oromiyaa 2ffaa, naannoo Uummattoota kibba lixa Ityoophiyaa 3ffaan goolabeera.

Naamusaan bulchiinsi magaalaa Finfinnee waancaa fudhateera.

Shaampiyoonaa Ispoortii aadaa biyyaalessaa 20 fi agarsiisaa aadaa 16ffaa waggaa dhufu naannoon Uummattoota kibba Lixa Ityoophiyaa kan qopheessu ta’uu ragaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment