Namoonni 145 vaayrasii koroonaatin kan qabaman yoo ta’u, lubbuun namoota 5 darbeera

finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 145 vaayrasii koroonaatin kan qabaman yoo ta’u, lubbuun namoota 5 darbeera.

Sa’aa 24 darbeen qorannaan samuudaa namoota 5552 hojjetamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Lakkoofsi namoota qorannaadhan vaayrasichi irratti argames waliigalaan 5570 guutera.

sa’aa 24 darbeetin reeffa namoota 8 irratti qorannaan gaggeeffamee 2rratti vaayrasichi argameera.

Lubbuun namoota yaalarra turanii 3 kan darbe yok ta’u, kaleessa ida’amaan lubbuun namoota 5 darbeera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lubbuun namoota 94 darbeera.

Waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 2015 guutera.

Comments (0)
Add Comment