Namoonni Konkolaataa keessatti Firaashii duwwaa maruun dhukkubsataa Kalee fakkeessuun maallaqa walitti qabaa turan 4 to’ataman

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Namoonni Konkolaataa keessatti Firaashii duwwaa maruun ciibsanii dhukkubsataa Kalee fakkeessuun maallaqa Yaalaa walitti qabaa turan 4 to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Namoonni kunneen Kutaa Magaalaa Addis Katamaa aanaa 1 naannawaa Siinimaa Raas jedhamuun wamamutti gochaa kana wayita raawwaataa turan to’atamuu eerameera.

Firaasha duwwaa maruun namni Kalee dhukkubsate Konkolaataa keessa ciisee akka jiruu fakkeessuun maallaqa wayita walitti qaban eeruun ummataarraa argameen to’atamuu ibseera.

Namoota rakkoo keessa jiran deeggaruun akkuma jirutti ta’ee hawaasni namoota hojii seeraan alaa raawwatan kanneen qulqulleeffachuu akka qaban Poolisiin magaalaa Finfinnee ergaa dabarseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment