Noottiin sobaa kumni 80 ol magaaloota Buree fi Baahir Daaritti bittaaf ooluuf turan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Noottiin sobaa kumni 80 ol magaaloota Buree fi Baahir Daaritti bittaaf ooluuf turan to’annaa jala ooluu poolisiin beksiseera.

Namoonni dhuunfaa Birrii sobaa kuma 20’n bittaa horii fi tajaajila hootelaa fayyadamaniif  kaffaluu turan namoota yakkichaa raawwataan waliin to’annaa jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Buree Insipeektar olaanaan Mallisaaw Abbabaan himaniir.

Haaluma wal fakkatuun magaalaa Baahir Daariittis namoonni dhuunfaa noottii sobaatiin bittaa raawwachuuf turan to’atamaniiru.

Namoonni kunneen sakattoo bakka horiin itti gurguramuutti taasifameen noottiin sobaa kumni 60 fi 200 to’atamuu AMK gabaaseera.

Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun yaaliiwwan noottii sobaatiin bittaa fi gurgurtaa raawwatamurraa hawaasni of eegganno akka taasisuu poolisiin waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment