Obbo Ashaadiliin Paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan Paartilee morkattootaa naannicha keessa socho’an waliin mari’ataniiru.
Obbo Ashaadiliin, Paartiileen morkattootaa naannicha keessa socho’an nageenya ummataa fi misoomaaf dursa kennuu akka qaban ibsaniiru.
Rakkoolee nageenyaa waggoottan darban naannicha mudateen bu’uraaleen misoomaa hedduun barbadaa’uu himaniiru.
Paartiileen Morkattootaa dhimmoota tokkummaa ummaataa cimsanirratti mootummaa waliin qindoominaa akka hojjetan gaafataniiru.
Hojiileen misoomaa, bulchiinsi gaarii fi hojiileen nageenyaa eegalaman cimanii akka itti fufan tattaaffii taasiifamu akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.
Qabeenyaa kuufamaa naannichi qabu misoomsuun itti fayyadamuuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu ibsuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment