Obbo Dammaqaan ministira Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan ministira Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaa, akkasumas hoggansa dhaabbata Diyaajoo Maanaajiing Gruup waliin mari’ataniiru.
 
Itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan ministira Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaa waliin mari’ataniiru.
 
Turmaata isaanitiinis bu’uuraalee misoomaa, qonna, eegumsa naannoo, jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti biyyoonni isaanii tumsaan waliin hojjechuurratti mari’ataniiru.
 
Briitaaniyaan fooyyessa jijjiirramaa Ityoophiyaan eegalte tumsuuf qophii ta’uu ministirichi ibsaniiru.
 
Dabalataan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan Landanitti hoggansa dhaabbata Diyaajoo Maanaajiing Gruup waliin mari’ataniiru.
 
Obbo Dammaqaan yaa’ii invastimantii Briitaaniyaa-Afrikaa Landanitti gaggeeffamaa jiru cinaatti hoggansa dhaabbatichaa waliin walarganii kan mari’atan.
 
Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonna, dhaabbatichi kaffalaa gibiraa olaanaa ta’uu eeruun dinqisiifataniiru.
 
Mootummaan Ityoophiyaa bu’a qabeessummaa dhaabbatichaatif tumsaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment