Obbo Taayyee Danda’aan Mana Amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan yaadni murtoo kenname

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Manni Murtii Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan Mana Amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan yaada murtoo kenne.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Liddataa dhimmoota yakka heera mootummaa fi sirna heera mootummaa oolmaa har’aan mirga Wabii Obbo Taayyeen dhiyeessan qorachuun yaada murtoo kenneera.
Dhaddachichi falmii bitaa mirgaa qorachuun Obbo Taayyeen Mana Amala Sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan yaada murtoo kenneera.
Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektoreetii Dhimmoota Yakkoota Gurmaa’aa fi Daangaa Ce’aa Obbo Taayyee Danda’aa yakkoota sadiin himachuun kan yaadatamuudha.
Taarik Addunyaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment