Odeeffannoon yeroon guutinsa bishaan hidha haaromsaa dheerate jechuun miidiyaalee alaan tatamsa’a jiru soba ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Odeeffannoon yeroon guutinsa bishaan hidha haaromsaa dheerate jechuun miidiyaalee alaan tatamsa’a jiru soba ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise.
 
Gabaasni al jazeera, reuters fi al ahramiin guutinsa bishaan hidha haaromsa Guddicha Ityoophiyaa ilaalchisee tatamsa’aa jiru gabaasa dharaa ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibseera.
 
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin Maas Miidiyaa Amaaraaf akka ibsanitti guutinsi bishaan hidha haaromsa yeroo kaa’ameef keessatti ni raawwatama jedhaniiru.
 
‘Ejjennoon Ityoophiyaa ifaadha, seeroota idila addunyaas ni kabajna’ kan jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muuftii, hidhicha ijaaruu fi bishaan guutuuf eeyyama qaama kamiituu hin gaaffanu jedhan.
 
Guutinsi bishaanii akkaatuma karoora isaan ni raawwatama jedhaniiru.
 
Gabaasni miidiyaaleen eerraman kunneen guyyaa har’aa tamsaasaa jiran doggoraa fi ejjennoo waloo kan hin taane ta’uu Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin himaniiru.
 
Gibts rakkoo Afrikaadhaa madde Afrikaan furmaata argata ejjennoo jedhu qabachuun gara mariitti deebi’uu ishee kan eeran Ambaasaaddar Diinaan,marii keessatti dhimmi teeknikaa fi seeraa ka’aa ture mariisiisummaa gamtaa Afrikaan torbee lamaan dhufu keessaatti mariin xumuruuf waliigalteerra ga’amuu beeksisaniiru.
 
Sagantaan guutinsa bishaanii garuu karooruma isaan itti fufa jedhan.
 
Rakkoo Afrikaadhaa madde afrikaan torbee lamaan dhufu keessatti furmaata laachuuf gamtaa Afrikaa waliin ta’uun kallattiin kaa’amuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa ibsaniiru.
 
Mariin itti aanu marii hoggantoota Siyyaasaa osoo hin taane ogeeyyii teeknikaan akka itti fufu waliigateerra ga’amuu Dooktar Injiinar Silashiin ibsaniiru.
 
Guutinsa bishaan hidhichaa ilaalchisee gama Ityoophiyaan, yaadni jijjiirrame hin jiru jedhan.
 
Dooktar Injiinar Silashiin, bishaan guutuu qaamni nu dhorku hin jiru, yeruma kaa’ameen itti fufa jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment