Oomishaalee Beelladaa gabaa alaaf dhiyaate irraa galiin Doolaarri miiliyoona 80 argame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Baatiwwan 11 darban keessa Oomishaalee Beelladaa gabaa alaaf dhiyaate irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 80 ol argamuu Inistiityuutiin Misooma Beelladaa beeksiseera.

Baatiwwan 11 darban keessa oomishaalee Foonii, Dammaa, aannaanii fi foon gaalaa biyyoota addunyaa garaagaraatti ergamuu Itti Aanaan Daayrektara Inistiityuutichaa Dooktar Saahiluu Muluun ibsaniiru.

Oomishaaleen Beelladaa Toonii kumni 20 gabaa alaaf dhiyaachuu eeraniiru.

Kanarra Galiin Doolaarri miiliyoonni 86 argamuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment