Oromiyaatti Aduu tokkotti biqiltuun miiliyoonni 481 lafa hektaara 367 irra ni dhaabbata

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Oromiyaatti Adoolessa 10, 2015 Aduu tokkotti biqiltuun miiliyoonni 481 lafa hektaara 367 irra kan dhaabbatu ta’uu Biiroon Qonnaa naannichaa ibseera.

Naannichatti bara kana biqiltuu biiliyoona 4.9 oli buufata biqiltuu keessatti sadarkaa isaa eegee qophaa’uu Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Qabeenya Uumamaa fi Wabii Nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir himaniiru.

Biqiltuu qophaa’e keessaa hanga ammaatti biiliyoonni 3 oli dhaabbachuu eeraniiru.

Duula dhaabbii biqiltuu Adoleessa 10, 2015tti akka biyyaatti gaggeeffamuun naannoon Oromiyaa biqiltuu miiliyoona 481 lafa hektaara kuma 367 irra dhaabuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Obbo Eeliyaas ibsaniiru.

Adoolessa 10, 2015 akka biyyatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 500 dhaabuuf karoora qabame milkeessuun seenaa haaraa galmeessisuuf kan hojjetamu ta’uu eeruu ragaan BQO Irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment