Oromiyaatti barattoonni kumni 484 fi 994 buufataalee 1441 keessatti qormaata kutaa 8ffaa ni fudhatu – BBO

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Bara kaba Oromiyaatti barattoonni kumni 484 fi 994 buufataalee kuma 1 fi 441 keessatti qormaata kutaa 8ffaa kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiise.

Akka Naannoo Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa Waxabajjii 26-27/2015 kan kennamu ta’uu biirichi ibseera.

Naannichatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaan duraa kumni 10 fi 842 tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan Manneen Barnotaa Bultii Addaa 7 keessatti barattoonni kumni 2 fi 500 ol ta’an barataa jiraachuu Itti aanaa Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Bultoosaa Hirkoo ibsaniiru.

Manneen Barnootaa kanneen keessatti Afaanonni Faransaay, Chaayinaafi Arabaa kennamuun dhaloota Sadarkaa Idila Addunyaatti dorgoman ta’an horatamaa jiraachuu himaniiru.

Qormaata Kutaa 8ffaa fudhachuuf waliigala barattoonni kumni 484 fi 994 kan galmaa’an yoo ta’u buufataalee 1441 keessatti ni fudhatus jedhan.

Kutaa 12ffaa barattoonni kumni 323 fi 321 Yuunivarsiitiiwwan 22 keessatti qormaata kan fudhatan ibsameera.

Qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffa Adoolesaa 19 /2015 kan laatamu ta’uu ibsamee ture.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment