Oromiyaatti hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5.8 dhiyaachuun qonnaan bulaaf raabsamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa kana xaa’oo kuntaala miiliyoona 8.8 dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 5.8 dhiyaachuun raabsamaa jiraachuu Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa ibse.
Bara kana sadarkaa Naannoo Oromiyaatti callaa guddistuu yeroodhaan qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hoogganaan Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Masfin Raggaasaan himaniiru.
Keessattuu bara kana maallaqa kaffalamu karaa dijitaalaatiin raawwachuun tuttuqqaa irraa bilisa akka ta’u taasifamuun rakkoo armaan dura ture furuu dubbataniiru.
Xaa’oon biyyoo dhiyaates karaa Yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uraatiin qonnaan bulaaf raabsamaa jiraachuu eeraniiru.
Fedhiin Qonnaan bulaan itti fayyadama xaa’oofi sanyii filatamaaf qabu daran dabalaadhufuu dubbataniiru.
Yuuniyeenonniifi waldaaleen bu’uuraa sanyii filatamaa sassaabuun qonnaan bulaaf akka dhiyeessan taasifameera jechuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment