Oromiyaatti namoota dabalataa 127 irratti vaayrasii koroonaa argame

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 127 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3343 hojjetameen vaayrasichi namoota 127 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 6301 ga’eera.

Sa’aa 24 darbeetti vaayrasichaan lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 45 darbeera.

Nammoonni haaraan 33 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1,953 dandamataniiru.

Namoonni 7 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4303 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 134562 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment