Oromiyaatti yeroo ammaa barattoota miiliyoona 6.2’f nyaanni itti fufiinsaan dhiyaachaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti yeroo ammaa barattoota miiliyoona 6.2 ta’aniif itti fufiinsaan nyaanni mana barnootatti dhiyaachaafii jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin abjuun ummataa, ijoolleen isaa haala ammantaa fi egeree addunyaa keessatti dorgomaa ta’anii arguudha jedhan.

Kanaafis ijoollee isaa mana barumsaatti erguu qofa osoo hintaane, bakka hir’atetti sabbatarraa hiikee manneen barnootaa ijaaruun akkasumas oogdirraa hammaaree galtee nyaata barataa dhiyeessuun kaayyoosaa qabatamaan akeekaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan jijjiiramaas ilaalcha sabboonummaa sabaa gara gochaatti fiduuf qabatee ka’e hangafummaan dhaloota qaruu irratti xiyyeeffachuun raawwataa jiraachuu eeraniiru.

Birmannaa ummanni taasiseef kabajni haa ta’u jedhanii yeroo ammaa barattoota miiliyoona 6.2 ta’aniif manneen barnootatti ittifufiinsaan nyaanni dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Sabbootonni qareeyyii (elites) Oromoos yaada boruu sabichaaf gaachana jabaa tolchuuf, dhaloota saayinsii fi teknoolojii hidhatee dorgomaa ta’e har’a ijaaruurratti haaromsuun sabboontota gochaa haa taanuu jechuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment