Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun salphinatti adeemurra dhaabbatanii yaaduun barbaachisadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun salphinatti adeemurra dhaabbatanii yaaduun barbaachisadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Rakkoon Ummata Oromoo guddaan tokkummaa dhabuudha jedhan.

Injifannoo argame tikfachuuf, misooma waaressuuf tokkummaan eeggachuun murteessadha jedhaniiru.

Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun Salphinatti adeemurra rakkoo jiru waliin mari’achuun furuutu barbaachisa jedhan.

Tokkummaan Oromoo tokkummaa Itiyoophiyaaf qoricha ta’uu himaniiru.

Aadaa fi duudhaa qabnutti deebinee marii fi marrabbaan rakkoo jiru furuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Miiraa jaajalaa fi gammachuu ummanni Wallaggaa nutti argasiisaniif kabaja guddaatu malaaf jedhan.

Kana booda injifannoo argame tikfachaa misooma waaressuu malee dhimmoota xixiqqoon wal ajjeesuu fi wal waraanuun dhaabbachuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment