Pireezidaanti Putiin shaakalli mala meeshaa waraanaa Niwukleerii akka taasiifamu ajaja dabarsan

Finfinnee, Ebla 28, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin shaakalli mala meeshaa waraanaa Niwukleerii akka taasiifamu Waraana biyyattiif ajaja dabarsuu ibsame.

Kana hordofee Raashiyaan yeroo dhiyootti dandeettii ishee sakatta’uuf shaakala mala waraanaa meeshaa Niwukleerii kan eegaltu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa biyyattii ibseera.

Humni Misaa’eelaa Damee Waraana Kibbaa hojii shaakala kanarratti kallattiin kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Dabalataan Xiyyaaronni Waraanaa fi Humni Galaanas shaakala kana kan taasiisu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa ifoomseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment