Pireezidaanti Shimallis Geejjiba Fe’umsaa Gadaa hojii jalqabsiisan

Finfinnee, Amajjii 23,2015(FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan tajaajila Geejjibaa Fe’umsaa Gadaa hojii eegalchiisaniiru.

Waldaan Aksiyoona Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa Konkolaattota fe’umsaa har’a hojii eegaleera.

Sagantirratti Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurraahmaan dabalatee qondaaltonni federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Pireezidaanti Shimallis, konkolaattonni kunneen diinagde Oromoo guddisuu cinaatti rakkoo geejjiba fe’umsaa mudataa jiru furuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Waldichi konkolaattota fe’umsaa 150 Chaayinaarraa fichisiisuun tajaajilicha kan eegalchiise ta’uu Hoji Raawwachiisan Waldaa Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa Obbo Geetuu Hundumaa himaniiru.

Waldichi tajaajila geejjibaa kennuu eegaleen namootaa 165’f carraan hojii dhaabbii fi yeroo kan umamuuf ta’uu ibsaniiru.

Waldichi Kaappitaala Birrii miiliyoona 499’n bara 2006’tti kan hundaa’e, Kaappitaalli isaa Birrii biiliyoona 1.5 ga’uu eeruuniiru.

Yeroo ammaas geejjiba imaltootaa fi fe’umsaan tajaajila kennaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment